Genesis 14:2 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
hayyoota shani d'ibiti duulte. Hayyooti shanani suni Bera ka lafa Sodoma, Birsha ka lafa Gomora, Shinabu ka lafa Adma, Shemeberi ka lafa Seboimu, ammalle hayyu ka lafa Bela yokhaani Zoari jed'ani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Mootonni arfan kunniin mootota biraa shananitti duulu'uuf deeman; mootonni isaan itti duulan mootii Soodoomii Baalaa, mootii Gamora'aa Beersaa'a, mootii Adaama'aa Sana'aab, mootii Sabooyii Samibaarii fi akkasuma mootii biraa ka biyya Zo'aar jedhamtuuf mootii ta'e mootii Beela'aa fa'a.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Mootoleen tun mootii Sodoomii Beeraa, mootii Gomora'aa Birishaa, mootii Aadima'aa Shanaab, mootii Zebo'iimii Shemeber, mootii qachaa Bela'aa, ka amma qachaa «Zo'aar» jedhamu loliisaaf dhaqane.