Genesis 14:9 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
hayyoota lafa Elamufi Goimufi Shinarifi Elasari wolhad'ani. Jari wolhad'e suni gami toko hayyoota shani, kaanileeni afuri.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Mootii Eelaamii Kolodogomooriin, mootii worra ormaa Tidi'aaliin, mootii Sanaa'orii Amraafeliin, mootii Ilaasaarii Ariyookiin woraanu'uuf mootonni shanan kunniin mootota arfan kanniinitti yaa'an.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isaan mootii biyya Elaamii Kador-Laa'omer woliin, mootii gosa biyya adda addaa woliin, mootii biyya Shiinaarii Amraafel woliin, mootii biyya Elaasaarii Aryook woliin wol lolane; akka kanaan moototi shanan mootota arfan woliin wol lolane.