Genesis 17:19 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo Waaqi waan jed'eeni, Hiyo, intaatu. Niitiini tante Saraani ilma sii d'alti, atini maqa Isaaqo baasiifi. Anini isaafi ilmaani isaale wold'aqisa haga jiru jireenna woliini tolfad'a.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Rabbi Abrahaamiin «Haati manaa tee Saaraan dhugamaan ilma sii deetti; maqaa isaallee Yisaaqi jettee waamta; isaa fi fiixaa isaa ka isaan maayessa dhufuu waadaan kiyya ka bara baraa akka ta'u isa woliin godhadha.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Waaqi ammoo, «Waawwo'o. Niitiin teeti Saaraan ilma siif hin deetti; maqaa isaalle, ‹Yisihaq› jettaan. Ani Gondooroo tiyya ta bara baraa isaa fi sanyii isaa ta isa duubaatiif hin gondoora.