Genesis 18:10 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Worra suni nami toko waan jed'eeni, Anini jia sagali tae deebia, gaafa anini gadeebiu, niitiini tante Saraani ilma qabdi. Saraani balbala waaro keesa isa duuba ejite ch'aqasu jirti.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
«Bara dhufu woggaa adhaa hennaa tana deebi'ee gara keessan dhufa; haati manaa tee Saaraan ilma argatti» jedhe; Saaraan Abrahaamiin duubaan balbala daase'ee dhaabattee waan jarri dubbattu caqasa'aa turte.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isaan keessaa tokkochi, «Bara dhufu yennaa akkanaa tana deebi'ee gara keeti hin dhufa; yennaa san Saaraan niitiin teetii ilma hin deetti» jedhe. Yennaa inni tana dubbatu Saaraan balbala dunkaani'ii ta Abrahaamiin duuba jirtu dura dhaabbattee dhage'iisatti jirtiiyyu.