Genesis 18:19 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Anini isa yayu fohad'e, aka inni ilmaani isaatiifi ababoota isaa gorse, aka worri na ch'aqase waan dansaafi ka qajeela tolchu. Yo worri waan kana tolche, anileeni waan Abrahamuu Intolcha jed'e ch'ufa intolchaafi.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Inni waan qajeellumma'aatiif murtii qajeelaa godha'aa ijoollee ufiitii fi akaakayyoota ufiillee gorsa'aa isaan qajeelcha; kunillee waadaan Rabbi Abrahaamii gale akka raawwatamuuf» jedheen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Balchumma'aa fi haqa hujiisaan karaa Mootii Waan Maraa akka eegatanu, ijoollee ifiitii fi worra mana ifii gorsiisaan akka sooressu ani isa filadheera; ijoolleen isaa waan kana yoo goote, anille waadaa isaaf gale duudii hin muummessa» jedhe.