Genesis 18:24 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yo nami shantama ka ch'ubbu inqamne dira kana keesa jiraate, atini worra shantama suni jette dira suni innaatuufi? Ch'ufa imballeesita?
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Uduu namni shantamaa qajeelaan qachaa san keessatti argamanii maraa wolumaan balleessitaa? Qachattii san qajeelaa shantamaa sanniiniif jettee hin dhiiftuu?
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Namooti balchooti shantam qachaa san keessa yoo jiraatane, qachaa duudii hin balleessitaa? Namoota balchoota shantama achi keessa le'anuuf jettee hin lakkittuu?