Genesis 18:25 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Atini nama ch'ubbu inqamne dandeete ka ch'ubbu qabu woliini inhobaaftu. Suni sii imfakaattu. Yo atini akasi tolchite, ka ch'ubbu qabuufi ka ch'ubbu inqamneleeni woliini hobaa. Wonti kunini diqole intaatu. Jaallabi lafa tana ch'ufaa waan d'uga intolchu?
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
kun si irraa haa fagaatu; nama cubbamaa qajeelaa woliin balleessuu'u, qajeelaanillee akka cubbama'aa ta'uu'u wonti akkanaa kun si irraa haa fagaatu; ka biyya lafaa maratti murteessu murtii qajeelaa hin murteessuu?»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ati dhugumaan balchoota dabaaleyyii woliin hin ijjeettu; ati tana hin gootu; yoo tana goote namooti balchooti dabaaleyyii woliin hin adabaman; tun ijjumaa hin teetu. Ka biyya lafaa duudi'itti muru, sirri'itti muruu hin qabuu ree?» jedhe.