Genesis 18:29 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Abrahamuuni ammalle dubbate waan jed'e, Yo nama afurtama ch'alla achiti agarte maani tolchita? AABBO Waaqi waan jed'eeni, Hojja nami afurtama jiraate imballeesu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ammallee Abrahaam deebi'ee «Maal laataa uduu qajeeltonni afurtamaa argamanii hoo?» jedheen; innillee deebisee, «Sababaa namoota qajeeltota afurtamaa sanniiniif jedhee hin dhiisa» jedhe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Abrahaam ammalle isaan, «Balchoota afurtama qofa achitti yoo dhaggite hoo?» jedhe. Inni deebisee, «Balchoota afurtama yoo dhagge hin balleessu» jedhe.