Genesis 18:32 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Abrahamuuni ammalle waan jed'eeni, AABBO Waaqa, nati indallaniini, amma toko ch'alla si gaafad'a. Yo nami kud'ani ch'allaani ka ch'ubbu inqamne Sodoma keesa jiraate ho? AABBO Waaqi waan jed'eeni, Anini lafa suni inhobaasu, yo nami kud'ani ka d'uga qabu keesa jiraate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
«Gooftaa kiyya ammallee yabo'oo hennama takkattii dubbadhaa naan hin lolin; maal laataa uduu kudhan argamanii hoo?» jedhe; Innillee, «Kudhan sanniiniifuu jedhee hin balleessu» jedhe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba Abrahaam, «Mootii waan maraa, takkattii tana qofa dubbadha, maganne'ee natti hin aarin. Balchooti kudhan qofa achitti yoo dhaggame hoo?» jedhe. Inni deebisee, «Ani balchoota kudhan yoo achitti dhagge, qachaa san hin balleessu» jedhe.