Genesis 19:14 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani Lutuuni fulla soddowaani isaa d'aqe waan jed'eeni, Hurrisa, arma keesaa baha; AABBO Waaqi lafa tana balleesu fed'a. Ammo worri waanuma inni tabatu sehe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Looxillee manaa bayee soddaadhan ijoollee isaa fuudhaniin, Rabbi qachattii tana balleessu'uuf ta'aa ka'aa hulee kanaa deemnaa» jedhee isaanitti hime. Soddaadhan isaa ammo waan isaanitti coora'aaru seeyanii lash jedhan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba Loox gara worra durra isaa kadhateeruu dhaqee, «Ariifadha'a, addee tana keessaa baya'a; Mootiin Waan Maraa addee tana waan balleessaaruuf qachaa kana keessaa baya'a» jedheen. Worri durra isaa kadhateeru ammoo waan taphatu itti fakkaatte.