Genesis 19:16 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Lutuuni waan tahu wollaale ufumaa ejinaani AABBO Waaqi naheefi, isaafi niiti isaatiifi dubra isaa lamaani harka qabe fuud'e lafa Sodoma keesaa baase.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Inni harkifatullee Rabbi garaa isaa laafee namoonni sunniin harka haadha manaa isaatii fi harka ijoollee durbaa lamaan isaa qabanii baasanii qachattii saniin ala isaan kaayan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Loox ammoo mame; te'ulle Mootiin Waan Maraa waan isa marareef, namooti lamaan sun isa, niitii isaa, ijoollee isaa ta durraa lamaan harka qabanee qachaa keessaa akka baasanu godhe.