Genesis 19:9 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo worri waan jed'eeni, Nu duraa gori, ati qaraa eenu ka waan nu taanu nuti himtu? Ati qara keessuma. Nu duraa gori, atini ta worraati dubbatta, siiyu waan hagasi ira hamtu si tolchina. Lutu darbani kara keesaa gorsani, balbala ch'absaa iti kaani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isaanillee, «Deemi asii! atuu nama baqatee as jiraata'aaru; namni baqatee jiraatu'uuf dhufe murtii kennuu danda'aa? isaan caalaa si irratti waan hamaa goona» jedhanii Looxiin guddisanii dhiibanii balbala manaa cabsu'uuf ka'an;
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isaan ammoo deebisanee, «Namicha alagaa kana, asii badi! Waan nuuti goonu ka nutti hintu, ati eennuu? Hantuu namoota san irratti goonu caalaa hin goona» jedhane. Isaan Loox duubatti darbanee, balbala cassiisaaf bira geyane.