Genesis 2:9 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Inni mukeeni guddo ilti namaa jaalattu, ta mid'aani isii guddo sagale dansaa oobru suni keesati baase; ammalle wod'aka oobru suni keesati mukha jireennatiifi mukha waan dansaafi hamtu ch'ufa nama hubachiisu baase.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Rabbi Waandhi mukkiin adda addaa ka laalchaaf namatti toluu fi ka nyaataaf fayyadan maraa lafa irratti margisiise; akkasuma hulee biqiltu'uu keessatti muka jireennaatii fi muka waan misha'aa fi waan hamaa adda baasee beessisu margisiise.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Mootiin Waan Maraa Waaqi muka ilti namaa halchitu ka adda addaa, ka midhaan isaalle nyaatiisaaf dansaa te'e lafa keessaa lachisiise; muki midhaan isaa nyaatanee jiruu namaa kennu, muki dhibiin ka hantu'uu fi dansaa ittiin beekanulle addee oorru'uu san wodhakkaa jiraayyu.