Genesis 20:7 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Amma tana niiti tana abbaa deebisi. D'iirsi isii raaga, aka atini indoone Waaqa si kad'ata. Ammo hojja atini niiti tana d'iirsati indeebisiini siifi worra keetileeni ch'ufti inhobaatani, beekhi.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Amma ammo haadha manaa isaa deebisiif inni waan raatticha ta'eef Waaqa sii kadhataa; atillee hin ooltaa; yoo deebisu'uufii baatte ammo ati akka duutu, wonti ati qabdu maruu akka du'u beeki» jedheen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Amma ammoo niitii namichaa isaaf deebisi. Inni raagaa waan te'eef, akka ati hin duune, si'iif hin daadimata. Yoo isii hin deebisin ammoo, dhugumaan atii fi kolbaan teeti duudiille akka duutanu beeki» jedheen.