Genesis 20:9 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Duuba Abimelekiini Abrahamu yaame waan jed'eeni, Atini maal nu tolchite? Wonti hamtuuni anini si tolche ka atini sila naafi lafa tiyyale balleesitufi maani? Nami waan atini na tolchite kana taka nama tolchu injiru.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kanaan maayessa Abemelek Abrahaamiin waamee, «Maaf akkana na goote? ani waan badaa maal si irratti hojjadhe? anaa fi mootummaa kiyya irrattillee cubbuu guddaa hojjatte, waan hin malle na irratti hojjatte.» jedheen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba Abiimelek Abrahaam waamee, «Ati maaf akkas nu goote? Ani maan si yakkinaan anaa fi mootummaa tiyya irratti cubbuu guddoo akkasii fidde? Ati waan hujamu'uuf hin malle na irratti hujje» jedheen.