Genesis 22:13 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Abrahamuuni ufira millate elemo gaafi raasa keesati rakate eju, arge, deeme elemo suni fuud'e fulla sila much'a isaa qalu taani sorio baase.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Abrahaam ol jedhee hennaa uf duuba laalu, korbeessa hoola'aa ka buura keessatti gaafni isaa gaale'etti rakkatee qabameeru arge; Abrahaam dhaqee korbeessa hoola'aa san fuudhee bikka ilma ufii ciincaa dhiyeesse.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Abrahaamille adaala ifii ilaalee, korbeessa hoole'ee ka gaafi isaa haxanxari'iin qabameeru tokko dhagge. Inni dhaqee korbeessa fuudhee, addee ilma ifii ciincaa dhikeesse.