Genesis 22:14 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Maqaani Abrahamuuni fulla suni baase: AABBO Waaqi wa namaa kenna. Haga arrale maqaani lafa suni gaara Waaqi irati wa namaa kenna jed'ani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Abrahaam hulee san «Yaahiwwee Yiri'e» jedhee waame. Haga adhaallee gaara san irratti «Rabbi hin qopheessa » jedhama.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Maarre Abrahaam addee san, «Yaahwee yir'ee » jedhee moggaase; adhalle namooti, «Mootiin Waan Maraa gaara irratti hin qopheessa» jedhan.