Genesis 24:46 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Isiini arifatte butte na dura qabde waan jette, Hod'i d'ugi, ammalle gaala keetile inkenna. Duuba anini bisaani d'uge, gaali kiyyaleeni d'eebu bahe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Anillee, «Mee bisaan na obaasi» jedheen; isiinillee daddaftee ottee buufattee ‹Dhugi, gaallan keellee hin obaasaa› jette; anillee hin dhuge gaallan kiyyallee hin obaafte.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isiin ariifattee okkotee ifi irraa gad buufattee, ‹Uni, gaalota keetille hin obaasa› jette. Maarre ani unee, isiin gaalotalle obaatte.