Genesis 24:54 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani hojattu Abrahamutiifi waheli isaa sagale nyaatani aanani d'ugani achuma bulani. Diirama lafaa kaani jennaani namichi hojattu Abrahamu waan jed'e, Anini galu fed'a, na gad'iisa, aka anini gara worra Abrahamu galu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Inninii fi namoonni isa woliin jiran nyaatanii dhuganii achuma bulanii ganamaan ka'an. Inni, «Gara gooftaa kiyyaa akka deebi'u na geegessaa'a» isaaniin jedhe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba innii fi namooti isa woliin jiranu nyaatanee unanee, achuma bulane. Isaan yennaa boruyyaa ganama ka'ane, tajaajilaan Abrahaamii, «Gara goottaa kiyyaa akka deebi'u, na geegessa'a» jedhe.