Genesis 25:23 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
AABBO Waaqi waan jed'eeni, Gosa lamati garaa kanke keesa jira; atini ijoolle lama ta wolimfeene d'alta, toko kaani ira jaba, guddaani hojattu diqa taha.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Rabbillee isi'iin «Gofti lamaan gadaamessa kee keessa jira; gosa lamaan ka wolii hin galle deetta; gofti tokko gosa kaan caala; hangaftichi maandhichaa ajajama» jedhe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Mootiin Waan Maraa si'iin, «Gosa biyya adda addaa lamatti gadaamessa keeti keessa jira; isaan woliif diina hin te'an. Gosi takkaan taan caalaa hin jabaatti; angafi maandhicha hin tajaajila» jedhe.