Genesis 26:29 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
aka atini waan hamtu nu intolchine, akuma nuleeni waan hamtu si intolchini. Nu sii naane nagayaani si gad'iimne. Amma ya agarre, aka AABBO Waaqi si eebise.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
kanaaf nu akka si hin miinee fi mishummaa callaa akka sitti mudhifne, nagayaan akka si geegessine amma akka Rabbi si woliin jiruu fi nama Rabbi eebbise akka taate arginee nu'uu fi si'i jidduu waadaa kaayachu'uuf dhufne» jedhaniin.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
akkuma nuuti adoo si hin tuqin, waan dansaa sii goonee, nageyaan si lakkinne, akka atille nu hin miine. Amma Mootiin Waan Maraa si eebbiseera» jedhane.