Genesis 26:7 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani worri lafa suni, Niitiini tuni maani sii taati? Jed'e gaafate. Jennaani inni, oboleeti tiyya jed'eeni. Inni, Isiini niiti tiyya jechu sodaate wonti akanatiifi waan worri isa ijeese niiti isaa mid'aadu ta Rebeka jed'ani iraa fud'atu sehe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
namoonni biyya sanii haati manaa isaa waan bareedduu taateef maali'itti akka isaa ooltu isa gaafatan. Inni ammo, «Isiin obboleettii tiyya» jedhe; namoonni biyya sanii Ribqa'aaf jedhanii akka isa hin ajjeefneef haadha manaa tiyya jechuu sodaatee;
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Namooti addee sanii marroo niitii isaa yennaa isa gaafatane, «Isiin obboleettii tiyya» jedhe; isiin dansittii waan teeteef, namooti addee sanii Ribqa'aaf jedhanee na ijjeesan jedhee, «Isiin niitii tiyya» jedhuu sodaate.