Genesis 27:14 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Duuba inni d'aqe kaarata kaani fuud'e isiitiini d'ufe, isiini sagale miooftu abbaani jaalatu d'aabdeefi.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kanaafuu inni dhaqee fidee haadhatti kenne; haati isaa ammo nyaata mi'aayaa akka abbaan jaalatutti hojjatte.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Maarre inni dhaqee buruusota gara haadha ifii fide; haati isaalle akkuma abbaan isaa jaalatutti dhandhama qopheessite.