Genesis 27:37 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Isaaqooni waan jed'eeni, Anini isa yayu moticha kanke tolche, oboleyaani isaa ch'ufa hojattu isaa tolche. Anini isaa mid'aanifi daad'ile ya kenneefi, amma woma inhamne, maani sii tolcha, ilma kiyya?
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yisaaqillee deebisee Eesawu'uun, «Ani mootii kee isa taasise; obboleewwan kee martinuu akka isaa ajajaman godhe; sanyii midhaaniitii fi woyini'iillee isaa eebbise; mucaa kiyya! maaluma sii godha?» jedheen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yisihaq deebisee Esaawu'uun, «Ani si'i irratti Yaaqoob goottonseera; obboleeyyan isaa mara tajaajiltoota isaa godheera. Midhaanii fi woynii bacaa isaaf kenneera. Ilma kiyya, maan si'iif godhuu dande'a ree?» jedhe.