Genesis 29:25 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yo Yakobooni lafti bariinaani ufi bira millate, kuno, Leani d'aatu ch'iifti. Inni lafaa ch'ee gara Labani d'aqe waan jed'eeni, Wonti atini akana na tolchiteefi maani? Anini Raheli jed'e hojad'e, ati maafi akana na sobde?
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Haga lafti bariite yoo laalu isiin Liya'a; Yaaqoob Laaba'aan, «Maaf akkana na goote? ani ka sii hojjadheef Raaheeliifii mitii? maaf na sobde?» jedheen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Boruyyaa ganama Yaaqoob akka Liyaa teete beekee, gara Laabaanii dhaqee, «Wonni ati na goote kun maan? Ani Raahel fuudhiisaaf si tajaajile. Ati maaf na sodde ree?» jedhe.