Genesis 3:17 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammalle waan namichaani jed'e, Waan atini qonqo niiti teeti ch'aqafte, mid'aani mukha anini, Inyaatini siini jed'e nyaatteefi, lafafi biyyeeni siifi abaaramti; iti gaargaltu male sagale keesa inyaattu, haga jireenna keeti ch'ufa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Aadamiinillee, «Ati jecha haadha manaa teetii dhageettee daraaraa mukaa ka ani ‹Hin nyaatin› jedhee si ajaje fuutee waan nyaatteef; sababaa keetiif ardiin ta abaaramte haa taatu; ati bara jireenna keetii maraa isii irratti hojjattee dadhabbi'iin nyaatta.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Namichalle'een, «Ati dubbii niitii teetii waan dhageetteef, midhaan muka ani, ‹Hin nyaatin› jedhee si ajajelle waan nyaatteef, «Latti sababa keetiif ta abaarante hin teeti; atille bara jiruu teetii mara eloo guddo'oon irraa hin nyaatta.