Genesis 3:22 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani AABBO Waaqi waan jed'e, Namichi kunini ya akuma keenna tahe waan hamtufi dansa gargari hubate. Tanaafi inni amma tana harka d'eerefate mid'aani mukha jireennaa buqise nyaate haga jiru jireenna jiraachuuni himmalle.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Rabbi Waandhi, «Aadam waan hama'aa fi waan mishaa gara gara baasee beeku'uun kunoo akkuma keenna ta'e; ammallee deebi'ee harka ufii hiixatee daraaraa muka jireennaa san irraa fudhatee akka hin nyaanne; baraa haga bara baraallee akka hin jiraanne» jedhe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Waaqi, «Kunoo, nami hantu'uu fi dansaa beekiisaan nu keessaa akka tokkoo te'eera. Ammalle harka ifiitiin hiixatee midhaan muka jiru'uu fuudhee nyaatiisaan, haga bara baraa le'uu hin qabu!» jedhe.