Genesis 3:6 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Duuba niitiini aka mid'aani mukha suni nyaataa dansatiifi ilaa mid'aago agarte, ammalle aka isaani hubacha namaa kennani d'ageennaani buqifte nyaatte d'iirsale kennite innileeni nyaate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Dubartittiin daraaraa mukaa san yoo laaltu nyaataaf mishaa; laalcha ijaatiifillee ka nama dharraasisuu fi ka nama ogoomsu akka ta'e hennaa argite daraaraa san fuutee nyaatte; akkasuma abbaa manaa ufiitiifillee hin kennite, innillee isii woliin nyaate.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Namittiin muki sun nyaatiisaaf dansaa, ilatti ka toluu fi ka nama qaroonsu akka te'e yennaa dhaggite, midhaan isaa fuutee nyaatte; dhirsa isi'ii ka isii woliin jirulle'eef kennite; innille nyaate.