Genesis 30:13 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
jennaani Leani waan jette, Anini guddo gammachu qaba! Amma tana nad'eeni, Gammadu machooftu naani jetti; tanaafi isiini maqa Asheri baafteefi.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Liyaan, «Ani guddisee gammade; amma dubartoonni ‹Ta gammadde!› naa jedhan» jettee maqaa isaa Aseer jettee itti baafte.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Liyaan, «Ani guddoo gammadeera! Amma dubartooti, ‹Ta gammadde› naan jedhan» jettee, maqaa isaa Asheer baafatte.