Genesis 30:15 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Leani waan jetteeni, D'iirsi kiyya ka qara atini naraa fud'atteleeni sii ingeenne, aka amma gula dabarte qorsa mukha ka much'aani kiyya naa galeenile naraa fud'achu feeta? Raheliini waan jette, Yo atini mukha qorsa ka gurbaani ke sii galeeni naa kennite, anini ya si eebise aka atini eddanna Yakobo woliini raftu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isiinillee, «Ka abbaa manaa kiyya na jalaa fudhatte hanqatee ammallee gumaa mujuloo ilma kiyyaa na jalaa fudhachuu barbaaddaa?» jetteen; Raaheelillee «Maarre waan gumaa mujuloo ilma keetii na kenniteef adha galgala inni si woliin haa buluu» jetteen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Liyaan deebittee, «Ka dhirsa kiyya na irraa fudhatte si hanqattee, amma midhaan muka fedhii jaalalaa kakkaasu, ka ilmi kiyya fidelle fudhatiisa barbaaddaa?» jette. Raahelille, «Ati midhaan muka fedhii jaalala kakkaasu ka ilmi keeti sii fide naa yoo kennite, halkan edanaa Yaaqoob woliin buluu dandeetta» jette.