Genesis 30:16 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Galgala Yakobooni oobruu gale jennaani Leani fuula keesa deemte waan jetteeni, Anini ya mukha qorsa ka much'aani kiyya galeeniini si bitad'e, halkani kana atini mana kiyya bulta, beekad'u. Tanaafi Yakobooni halkani suni fulla isii bule.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yaaqoobillee aduun dhiinaan hennaa inni diidaa galu Liyaan isa simachu'uuf gad baatee, «Adha na woliin bulta; waan ani gumaa mujuloo ilma kiyyaatiin si kireeffadheef» jetteen; Yaaqoobillee halkan kana isii woliin bule.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Galgala san Yaaqoob ficha'aa yennaa dhufe, Liyaan gad itti baatee, «Ani midhaan muka jaalala kakkaasu ka ilmi kiyya fideen waan si bitadheef, galgala adhaa na woliin bulta» jette. Maarre inni halkan san isii woliin bule.