Genesis 30:33 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Takaa tana d'arafi d'uga tiyya hureti hubatta, hojja waan naa baaftu ilaalu d'uftu. Yo atini hooliye guguraatiifi laleesa shaafa male waan d'ibi narati garte, suni hanna nati heregi.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kanaafuu gatii kiyya ka ani si biraa qabu laalu'uuf hennaa dhufu qajeellummaan kiyya naa ragama; re'iin keessaa babarru'uu fi sassaaqaa ka hin qabne, ilmoolee hoolotaa keessaallee ka gugurraa hin taane maruu yoo na biratti argaman akka waan ani hateetitti haa laallamuu.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Akka kanaan addatamummaa tiyya hin dhaggita. Ati mindaa kiyya qorqoriisaaf yennaa dhuttu, re'oota titiifuu yookiin buburree hin te'in, yookiin hoolota gugurraayyee hin te'in yoo qabaadhe, akka hatamane hin beetta» jedhe.