Genesis 30:41 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yo reeni qoortiini wolti goobdu ch'ufa Yakobooni dameele taani guure fulla naaniga ree dura naqe, aka isiini artiti wolti goobdu;
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yaaqoob hoolonni jajjabaannaan hennaa tola fuudhuu kajeelan uleewwan babarruu sanniin laalanii bifa uleewwan sanniiniitiin akka tola fuudhan uleewwan sanniin fuudhee gongaa hoolonni bisaan keessaa dhuddu keessa kaaye.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yennaa hoole'ee fi re'een jajjabooti hoqonsanu, isaan ulee san fuula duratti akka hoqonsanu, ulee san isaan bira dhadhaaba.