Genesis 33:10 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yakobooni waan jed'eeni, Akananiti. Yo atini naasu naa qabaatte, waan anini sii kennu kana fud'ad'u. Agartaani fuula keeti aka nama fuula Waaqaa arge nati fakaatti, eegi atini amma jaalala hagana geetu na garsiifte.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yaaqoobillee, «Akkanaa miti; yoo afoo keetitti gaachena argadheera ta'e akkuma fuula Rabbii arge fuula keellee waan argeeruuf kennaa kana na irraa fudhadhu» jedheen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yaaqoob, «Waawwo'o; ani si duratti fudhatama yoo dhaggadhe, kennansa kiyya ana irraa fudhadhu. Ati waan na fudhatteef, fuula keeti dhaggiisi, fuula Waaqaa akka dhaggeetitti laakkowa.