Genesis 33:13 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yakobooni waan jed'eeni, Ijoolleeni tunini lalaaftu, anini hori ilmeeni hootu kanale qorqorachuu male. Yo guyya tokole arifachiisani oofani, ch'ufti inhobaati.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Innillee, «Gooftaa kiyya; ijoolleen dadhabdoota akka taate hin beetta; sa'ooleenii fi hoolonni, ilmooleenii fi waatilee hodhan, namootallee guyyaa tokkoon ariiti'iin yoo deemsifne horiin nu harkatti dhuma.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yaaqoob ammoo deebisee, «Goottaa kiyya, ijoolleen, hoole'ee fi re'een, ilmooleen isaaniille, loonii fi jabbiin dadhaboolee akka te'ane hin beetta. Guyyuma tokkoofille ariiti'iin yoo oofamane, isaan martinuu hin du'an.