Genesis 33:18 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yakobooni lafa Mesopotamiati gale dira Shekemu, ka lafa Kanaani keesa, nagayaani baheeni waaro diida dira suni d'aatuti d'aabate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yaaqoob hennaa laga lamaan jiddu'uu deebi'e gara qachattii Seekeemii ta Kana'aaniin keessa jirtuu nagayaan dhufee qachattii san afo'otti quphate.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yaaqoob phaadaan-Aaramii yennaa deebi'e, nageyaan gara qachaa Sheekemii ka biyya Kana'aanii keessaa dhufe; inni achi qacha'aan fuula dura qubate.