Genesis 34:21 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
D'iiro, worri kuni worra nagayaati, ha lafa teenna keesa taani fulla fed'ani godaanani. Lafti ballo, wolti nuu geeti. Koota, dubra worra fuune, worrileeni ha teenna fuud'u.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
«Namoonni kunniin nu biratti namoota nagayaati; kunoo lafti badhoo waan taateef lafa teenna irra jiraatanii haa daldalatanii; ijoollee durbaa ta isaanii maraa hin fuuna; ijoollee durbaa teennallee isaanii haa kenninuu;
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Kolbaan tun kolbaa nageyaa ti; nu woliin lafa tana le'anuu ti; bilisaan asii fi achi deddeemanee daldalatanuu ti; kunoo latti nu'uu fi isaaniifille hin geetti; nuutille durra isaanii hin fuuna; durra teennalle isaaniif hin kennina.