Genesis 34:30 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yakobooni waan Simeonifi Lawiini jed'e, Ya gaargala natiini d'uftani; amma tana maqa kiyya ya gosa Kanaanitiifi gosa Perizitiifi nama ch'ufa ka lafa tana keesa jiruti ajeesitani. Nami kiyya diqa; yo worri kuni ch'ufti kalchaani na had'e, worra keenna ch'ufa imballeesani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yaaqoobillee Leewwi'ii fi Simooniin, «Worra biyya kana keessa jiraatan namoota Kana'aaniitii fi namoota Feerzotaatiin akka jibbamu na taasiftan; nu'u laakkobsaan diqqa'a; isaan wol gayanii natti bayanii na dhayan; anillee fiixaa kiyya woliin bada» jedhe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yaaqoob Shimi'oonii fi Lewwi'iin, «Worri biyya tanaa, worri Kana'aanii, worri Pheriizonii jibbanee akka na ijjeesanu godhiisaan, rakkoo natti fiddane; laakkossi nama kiyyaa diqqa'a. Isaan wolitti dacha'anee yoo na lolan; anii fi maatiin tiyya hin banna» jedhe.