Genesis 35:6 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yakobofi worri isaa ch'ufti lafa Luzu, ta amma tana Betheli jed'ani, ta lafa Kanaani keesa jirtu, d'ufani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yaaqoobii fi namoonni isa woliin jiran maruu gara Looza'aa dhaqan; isiin Beeteelii Kana'aaniin keessa jirtu.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yaaqoob worra isa woliin jiru mara woliin gara Luzii, lafa Kana'aan keessaa, ta amma Bet'el jedhantuu dhaqane.