Genesis 37:25 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ato sagale nyaachu jiranu, worri worra gosa Ishmaeli, ka lafa Gileadi lafa Misiriti bunaqaa yau arge. Gaali worraa qumbi, fit'o, qayya baata.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Achiin maayessa buddeena nyaachu'uuf taa'anii ol jedhanii yoo laalan daldaltoonni gosa Ismaa'elii gara Misirii gad bu'u'uuf Gala'aadii gaallan ufiititti urgooftuu, Qumbi'ii fi Beensoo dibatan fe'atanii hennaa dhufan argan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba isaan sagalee nyaatiisaaf tetee'ane; isaan yennaa ol ilaalane daldaltooti Ishimaa'elootaa, Giil'aadi irraa gara biyya Gibxi'ii gad bu'aaranuun dhaggane. Gaaloti isaanii uddowaa, fiqire'ee fi qumbii ba'ataneeran.