Genesis 37:3 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yakobooni ijoolle isaa taani ch'ufa ira Yusufu jaalate; wonti akanatiifi inni jaaruma keesa isa d'ale. Tanaafi inni ubaara d'eera lafati eju, ka harka d'eera qabu, isaa hod'e.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Israa'el ijoollee ufii maraa keessaa Yooseefiin guddisee jaalata; waan jaarruma keessa isa uumateef. Uffata bareedaa bifa gara garaa qabu itti uwwisa.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yaaqoob ilma dullummaa keessa dhaggate waan te'eef, ilmaan ifii mara caalaa Yoseef jaalate; inni qoloo seesa qaddu ta harka dheertu'uu hojjachiiseef.