Genesis 37:8 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Oboleyaani isaa waan jetteeni, Atini hayyu taate waan nu mohattu seeta? Duuba maro jechaafi oobju isaa tanatiifi haga qara kaanile ira isa jibbite.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Obboleewwan isaallee, «Nu irratti mooyittaa laata? nu bulchittaa laata?» ammallee dubbii dubbateef waan inni jedhe saniif guddisanii jibbaniin.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Obboleeyyan isaa deebisanee, «Ati dhugumaan nu irratti mootii hin te'a jettee yaaddaa? Ati dhugumaan nu irratti baallii hin qabaadha jettee yaaddaa?» jedhaneen; obboleeyyan isaa sababa oojjuu isaatii fi waan inni jedheetiif ittuma caalchisanee isa jibbane.