Genesis 38:11 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani Yudaani waan niiti ilma isaa, ta Tamari jed'aniini jed'e, Worra si d'aleti gali, haga gurbaani kiyya Shelaani guddatuti d'iirsa male tai. Wonti inni akasi jed'eefi, waan hegeri much'a kanale, akuma oboleyaani isaa ijeesani, isale ijeesani sehe sodaate. Eegi suni Tamariini worra isii d'aleti galte.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yihuudaan intala ilma ufii Timaariin «Ilmi kiyya Seeloom haga guddatuuf haadha hiyyeessaa ta'ii mana abbeetii taa'i» jedheen; inni wonti akkana isi'iin jedheef ilmi isaa akka obboleewwan kaawwanii akka hin duuneef; Timaar dhaxxee mana abbaa ufii teette.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba Yihudaan, «Ilmi kiyya akkuma obboleessa ifii du'a» jedhee waan sodaateef, Taamaarii niitii ilma ifiitiin, «Haga ilmi kiyya Shelaan guddatutti haadha hiyyeessaa te'ii mana abbaa keetii tee'i» jedheen; Taamaarille dhaxxee mana abbaa ifii teette.