Genesis 4:15 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani AABBO Waaqi waan jed'eeni, Akasiniti, yo nami si ijeese maro torba haalo baasani. Duuba AABBO Waaqi beesisa Kaini ira kaye, aka nami isa arge inijeemne.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Rabbi ammo, «Eennullee si hin tuqu; nama si ajjeese adabbii dachaa torbaatiin haluu isa baya» jedheen; kanaafuu Rabbi namni Qaa'eliin arge maruu akka isa hin ajjeefne malkata addaa itti godhe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Mootiin Waan Maraa ammoo, «Akkasii moti. Nami tokko yoo si ijjeese, ani dachaa torba haluu isa hin baya» jedheen. Tanaaf Mootiin Waan Maraa nami Qaayin dhagge akka hin ijjeenneef, beessisa itti godhe.