Genesis 40:20 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Guyya sadeeso eegi oobju taani, maro qaabacha d'aloota isaatiifi, Faraoni jila hojattu isaati tolche; gololchitu daad'itiifi d'aabdu qit'a fuud'e hojattu ufii gurgudo duraani d'ufe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Guyyaan sadeesso'oo guyyaa Fari'oon dhaloota ufii itti kabajju waan ta'eef nyaata qopheessee banii isa woliin hojjatu maraa waamee jara mana hidha'aa keessa jiran lamaanillee waamsisee worra isaa hojjatan afo'otti isaan kabajje.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Guyyaa sadiin duuba, mootichi biyya Gibxi'ii jila dhaloota ifii irratti, qondaaltota ifiitiif nyaata qopheesse; inni fuula qondaaltota ifii duratti itti gaafatamaa daadhii woyni'ii ifiitii fi itti gaafatamaa mana sagalee ifii hiike.