Genesis 41:8 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Lafti bariinaani waan oobjate kaani d'ind'ise, worra wa himufi worra qaqaro, ka lafa Misiri keesa jiru, ch'ufa wolti yaame waan oobju ufii iti haasae, ammo nama waan isii himu d'abani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Haga lafti bariite Fari'oon raafamee gara worra ogeeyyi'iitii fi gara worra biyya Misirii keessa jiran ka eebjuu hiikan maratti ergee waamsisee eebjuu eebjote isaanitti hime; ammo namni eebjuu Fari'oonii hiiku isaan keessatti hin argamne.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Boruyyaa ganama yaad mootichaa waan raafameef, worra xano'ootii fi worra beekkolee biyya Gibxi'ii maratti ergee waansisee, oojjuu ifii isaanitti hime; nami tokkolle ammoo oojjuu isaa hiikuu hin dandeenne.