Genesis 42:13 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Worri waan jed'eeni, Nu oboleyaani kud'ani lamaati, Aabbo, ilmaani abba toko, lafa Kanaani keesati. Maand'ichi aabbo birati hafe, ammo toko injiru.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isaanillee, «Nu garboonni tee biyya Kana'aanii keessatti obboleewwan kudha lama; nu ilmaan abbaa tokkooti; obboleessi keenna ka maandha'aa abbaa keenna bira jira; tokko ammo hin bade» jedhaniin.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isaan deebisanee, «Nuuti tajaajiltooti teeti obboleeyyan kudhanii lama, ilmaan abbaa tokkoo, ka lafa Kana'aanii keessa le'uu ti. Obboleessi keenna maandhichi amma abbaa keenna bira jira. Tokkochi du'eera» jedhane.