Genesis 42:34 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo oboleesa keesani natiini koota, akanaani aka isani dooya intahiini, nama d'uga, beekha. Duuba yo suni, oboleesa keesani isanii deebise, isani yo feetani lafa tana teetani bunat'ani nuuni jed'e.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isin worra dhuga'aatii fi gaadduu ta'u'uu fi ta'uu dhabuu keessan kanaan beekaa; obboleessa keessan ka maandha'aa naa fidaa'a; obboleessa keessan deebisee isinii kennaa; isinillee biyya tana keessa deema'aa daldaltan› nuun jedhe» jedhanii abbaa ufiititti himan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Obboleessa keessan maandhicha san as na bira fida'a. Akka kanaan isin namoota addatamu malee, worra dooyu akka isin hin te'in hin beeka; achiin duuba obboleessa keessan ka isin na biratti lakkittane isiniif hin deebisa; isinille as turtanee daldalatuu hin dandeettan› nuun jedhe» jedhane.