Genesis 42:7 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yusufuuni oboleyaani isaa arge beekhe, ammo nama imbeenne ufi tolche, dubbini woworaane, Isani eesaa d'uftani? jed'e. Nu lafa Kanaaniti lafa tana sagale bitachu d'umne, jed'aniini.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yooseefillee obboleewwan ufii argee beekee akka waan nama isaan hin beenneetitti fuula ufii dhooggatee «Isin eessaa dhuftan?» jedhee dubbii hamaa isaanitti dubbate; Isaan ammo, «Nu worra midhaan bitatu'uuf biyya Kana'aaniitii dhufe» jedhaniin.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yoseef yennaa obboleeyyan ifii dhagge, isaan eennu akka te'ane beeke; ammoo akka isaan hin beennee te'ee, aari'iin, «Eessaa dhuttane?» jedhee gaafate. Isaan deebisanee, «Nuuti midhaan bitatiisaaf biyya Kana'aaniitii dhunne» jedhane.