Genesis 43:11 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Abbaani waan worrani jed'e, Yo akasi male intaatu jettani, waan lafti teenna baaftu dansa ch'ufa, ta aka hampefa, dammafa, qumbifa, waan aka ogomdifa qolaatifa guura, namicha guddaa geesa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Abbaan isaanii Israa'el ammo «Eega akkana ta'e waan feetan godhaa'a; sanyii lafa kanaa nama sanii fidaa'a; balasii, damma diqqoo, urgoo, qumbii, waan urgaawuu fi Lawuzii qalqala keessatti qabadha'aa deemaa'a.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba abbaan isaanii Yaaqoob, isaaniin, «Yoo akkas teete, waan biyya teennatti dhaggamu keessaa waan irra caalaa tolu: fiqiree, damma, uddowaa, qumbii, midhaan muka ‹Almond› jedhamuu, midhaan meexxi'iille qalqalluu keessan keessa keya'aatii kennansa namichaaf kenna'a.